Kilinikni
Mandi Oromiyaa keessatti Godina Wallagaa Lixaa Aanaa mana sibu magaalaa
Mandii keessatti argama. Kilinikin Mandi baroota 1930’n keessa
miisiyoonota Sewdeniin hundeefame tajaajila uumataaf kennuu eegale. Guyyaa
har’aa uummata naanoo mana sibu baay’inaa hang
189000 ta’utu tajaajila fayyaa
kilinika kana irraa argacha jira. Kayyoo klinika kana keesa ini
tokko namoota gali ga’aa hinqabnee aka isan tajajillaa ga’uu argataan
gochuudha.
Guyyaa
hundeefame irraa kaasee hanga waggoota darbaan sadii affuriiti baajeta
ittiin hojii gaaggeessatu gargaarsa miisiyoonota adda addaa irra argachaa
ture. Kilinikin
kun baroottan 1980’ keessaa hanga sadarkaa hospitaala xiqqaa ti
guddachuu danda’ee ture. Dooktera, nersoota fi ogeeyii gargaartota fayyaa adda
addaan gaggeefamaa ture.
Walumaagalatti,
klinikiin Mandii namoota lakkoofsi isaani armaan olitti xuqamee jiru kan
tajaajilu bifa adda addaatiin. Guyya guyyati deddebi’anii kan
tajaajilaman, ciisani kan wal’aanaman, dubartoota deesisu, tajaajila
eegumsa fayya ijoollee fi dubartoota ulfaa, kitibaataf kkf kan kennudha.
Kilinikin kun osoo hin jiraanne uummata naannoo dhibee adda addaa kan
saaxilamuu fi rakko guddaa
akka uumuu danda’uu eenyu
illee jala dhakataa miti.
Kanaaf;
kilinika kun deebi’ee akka ofiin ofdanda’ee dhaabachuu akka
danda’uuf jecha nuti dhalootaan naannoo Mana sibu kan taanee rakkina
kilinika kanaa hanga dandeenyu bira dhaabachuu fi gargaaruuf karoorfannee
jira.Inniis:
1.
Madda galii qoricha itti bitan baraduu,
2.
Ogeessa qoricha( Pharmacist) qacaruu fi miiddaa isaa kan ta’u
madda galii barbaaduu
3.
Namootni galii gahaa hin qabne akka tajaajila kilinika kan irraa
argataniif maalaqa walitti qabuu dha.
Kana hunda gochuuf ammoo irreen maallaqaa nu
hudhee jira. Rakkoo kanarra aanuufis uummatni keenya akka nu gargaaru
gaafachaa jirra. Wal bira dhaabbannee uummata keenyaa rakkina adda addaf
saaxilamanii jiraniif akka nu gargartaan kabajaan isin gaafaana.
Lakkoofsi banki gargarsa : 0539 75 48696
Gargaarsa nu gootaniifis ta’ee nu gochuu
yaaddaniif dursinee isin galateefanna.
Hojii kana kan hordoofu koreen namoota afur of
keessa qabu dhaabatee yaali garaa garaa gocha jira. Odeefannaa dabalataa
yoo feetan:
1.
Adde Martha Mathewos; Lakk. bilbilaa 41464363
ykn
2.
Obbo Alemayehu; Lakk. bilbila 97597387 ykn e-mail: jawwe@lyse.net
quunnamu dandeessu.
Nagaa wajjin!
Koree gargarsaa
”Klinika
Mandii ha baraaru”
Ingen kommentarer:
Legg inn en kommentar